Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariin Finfinnee galan

Finfinnee, Amajjii 26, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaariin Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti hirmaachuuf galgala kana Finfinnee galaniiru.

Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 35ffaan ijaarsa dandeettii sirna nyaataa, misooma qabeenya Humna namaa,Diinagdee fi misooma hawaasummaarratti Amajjii 28- 29, 2014 Finfinneetti ni gaggeeffama.

Rakkoolee siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaarratti furmaata ni kaa’aan eegama.
Jilli Preezdaant Muhaammaduu Buhaariin durfamu galgala kan Finfinnee ga’eera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’u Ministira Ministeera Barnootaa Proofeesar Birihaanuu Naggaa fi hoggantoota mootummaa olaanoo biroon simatameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.