Preezdaantiin Naannoo Soomaalee obbo Muusxafee Muhaammad Ityoophiyaatti Daayrektara Sagantaa Nyaata Addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC)- Preezdaantiin Naannoo Soomaalee obbo Muusxafee Muhaammad Ityoophiyaatti Daayrektara Sagantaa Nyaata Addunyaa Kilaawud Jiibiidaar waliin dhimmoota tumsa bu’uuraalee misoomaarratti mari’ataniiru.
Mariisaaniin haala jireenya uummata naannichaa fooyyessuun danda’amuu fi misooma qonnaa cimsuun danda’amurratti mari’achuu eerameera.
Preezdaantiin naannichaa Obbo Muusxafee Muhaammad tarsiimoowwan uummata naannichaa hirkattummaa nyaata alaa galurraa hambisuuf, oomishaa fi oomishtummaa biyya keessaarratti akka xiyyeeffatanii fi oomishaalee qonnaa biyya keessaa guddisuuf karoorfaman irratti ibsa laataniiru.
Naannichatti rakkoolee namtolchee fi uumamaa irra deddeebiin mudatan waaraan furuuf akkasumas proojektii qotiinsa bishaan boollaa fi hojiilee misooma jallisii naannichatti gaggeffamaa jiran Sagantichi akka deeggaru gaafataniiru.
Kilaawud Jiibiidaar gamasaaniin, tattaaffii mootummaan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf taasisaa jiru kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.
Karoora mootummaan naannichaa hawaasa naannichaa gara hojiilee qonnaatti bobbaasuuf qabate kan deggaran ta’uu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.