Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan,Baatii Ramadaanaa sababeefachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebila 15, 2012 (FBC) –Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, Baatii Ramadaanaa sababeefachuun hordooftoota amantaa Islaamaa maraaf ergaa baga geessanii dabarsa.
 
Hordoftootaa fi dureewwan amantichaa maraan baga Baatii Ramadaanaa waggaa kuma 1 fi 441ffaan isin ga’e jedhaniiru.
Preezdaant Shimallis,wayita Ramadanaa fuula keessan gara Rabbii deebifachuun dhibee fayyaa sababa koroonaatiin nu mudate akka nurraa deebisuuf ummataa fi biyyaa keenya arjoomasaatiin akka baraaru kadhachaa, wal gargaaraa, wal bira dhaabbachuun ta’uu akka qabuu fi Ramaadaana nagaa,fayyaa, gammachuu fi milkii akka ta’u hawwii qaban ibsaniiru.
 
ergaa guutuun isaan dabarsan akka armaan gadiitti dhiyaatera.
 
Baatiin Ramaadanaa baatii kabajamaa,Raahmataa, dhiifamaa fi araaramaa hordoftoota amantii Islaamaa hunda biratti hawwii guddaan eegamu, sadarkaa olaanaan Rabbi ittii kadhatamu, hojiin qulqulluu fi gaariin bal’inaan itti hojjetamu, arjoomniif waliif tumsuun cimee itti mula’atu, Baatii jaalatamaadhan jedhan.
 
Hojiin qulqulluun raawwatames yeroo Rabbi birattii dacha dachaan fudhatama itti argatu waan ta’eef hordoftoota amantaa Musiliimaa biratti hiikkaa baayy’ee guddaa qaba jedhan Preezdaant Shimallis.
 
Ramadaanni baranaa kun kan geggeeffamu yeroo biyya keenya dabalatee addunyaa guutuun vaayrasii koroonaan yaaddoo hamaa keessa galteetti waan ta’ee ummata fi biyya balaa kanarraa baraaruuf yeroo ummanni fi mootummaan harka wal qabachuun cimanii itti hojjetaniidha jedhan.
 
Akkasumas, Ramaadanni baranaa kan soomamu yeroo babal’ina dhibee kanaa ittisuu fi rakkoo hawaasummaa fi diinagdee balaa kanaan wal qabatee mudachuu danda’u jalaa hawaasa keenya baraaruuf qajeelfamoota Mootummaa, gorsa abbootii amantaa, abbootii Gadaafi Ogeeyyii fayyaa hordofuudhaan sochiin bal’aan taasifamaa itti jiru keessattidha.
Kanaafuu, Ramaadana kana ilaalchisee gochi raawwatamu hundi sochii ittisa koroonaa akka naannoo keenyaa fi biyya keenyaatti gaggeeffamaa jiru daraan kan cimsuu fi qajeelfama of eeggannoo mootummaan baasee fi gorsa abbootii amantaa fi ogeeyyii fayyaa kan hordofu bifa ta’een kan raawwatamu akka ta’u hawaasni musiliimaa sirritti hubatee hojiirra akka oolchu abdii gudaan qaba jedhan.
 
Akkaatuma kanaan hawaasni Musiliimaa masgiidota fi mana manatti baayyinaan walitti qabamuurraa of eeggatee bifa tamsa’ina vaayirasii koronaa ittisuu danda’uun qajeelfamoota amantichaa sirriitti gaggeessuudhaan Rabbii guddaan araara buusee balaa hamaa bifa koronaatiin dhufee kana akka nurraa deebisuufi imala jijjiramaa biyya keenya gara badhaadhinaa jalqabde akka milkaa’u hojiiwwan misoomaa eggalaman finiinsaa Rabbis akka nuuf milkeessuu kadhachuu cimsitanii akka ittifuftan waamicha koon dabarsa.
 
Akkasuma hordoftoonni amantii isilaamaa yeroo Ramadanaa kana keessaatti sadaqaa,zakaa fi arjoma adda addaatiin gara laafummaa olaanaan harka qalleeyyii bira dhaabbachuufii gargaaruudhaan dirqama lammuummaa bahachuu eegaltan cimsitanii akka itti fuftan dhaamsa koo kabajaan dabarsa.
 
Irraa deebi’ee baga jia Ramadaanaa kabajamaa kanaan isin ga’e, Ramadaannii kun kadhannaa Rabbii cimsuufi harka qalleeyyii gargaaruudhaan kan itii milkooftaniifi gammaachuun jalqabdanii, nagaan soomtanii, gammachuun kan xumurtan akka isiniif ta’u hawwa.
 
Ramadaan Kariim
 
Eebila 15/2012
 
BDHKMNO
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.