Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantii ‘CAF’ Ahimad Ahimad dhorkamni waggaa shanii irratti darbe

Finfinnee, Sadaasa 14, 2013 (FBC) – Federeeshiniin Asooseeshinii Kubbaa Miilaa Idil Addunyaa ‘FIFA’n Preezdaantii Konfedereeshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Ahimad Ahimad dhorkama waggaa shanii irratti darbarse.
Preezdaantiin ‘CAF’ Ahimad Ahimad hojmaata badaa fi maallaqa waliin walqabatee badii raawwataniiru jedhame.
Koreen namuusaa ‘FIFA’ Ahimad Ahimad dambiiwwan namuusaa fi faayidaalee dhaabbaticha cabsaniiru jechuun qeeqaniiru.
Sababa kanaa Preezdaantichi waggoota shaniif dhorkamaniiru.
Maanguddoon umrii waggaa 60 Ahimad Ahimad bara Faranjootaa 2017 eegaluun Preezdaantii Konfedereeshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaa ta’uun tajaajilaa turaniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.