Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilwarq Muummee Ministira Kanaadaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 30, 2012 (FBC) – Preezdaatiin FDRI Saahilawarq Zawdee Muummee Ministira Kanaadaa Jastiin Tiruudoo waliin mari’ataniiru.

Hariiroo invastimaantii fi daldalaa biyyoota lameenii irratti xiyyeeffachuun marii taasisaniiru.

Hojii mootummaan dubartoota ga’eessuu irratti hojjettu mootummaan Kanaadaa akka deeggaru Jastiin Tiruudoon ibsaniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa caalutti ceesisuuf marii bal’aa taasisaniiru.

Ityoophiyaa fi Kanaadaan baroota dheeraaf damee garagaraarratti waliin hojjechaa akka turan eerameera.

Muummeen Ministira Kanaadaa Jastiin Tiruudoo Ityoophiyaa guddina diinagdee ariifachiisaarra akka jirtu ibsaniiru.

Keessumattuu carraa gaggeessumaa dubartootaaf kenname muummichi ministiraa dinqisiifataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.