Fana: At a Speed of Life!

Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee bara haaraaf erga baga geessanii dabarsa

Finfinnee, Qaammee 5, 2012 (FBC) –Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee bara haaraaf erga baga geessanii dabarsa.

Bara haaraatti lammiileen Ityoophiyaa hojii hundummaa itti gaafatamummaan akka ba’atan Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee waamicha dhiyeessaniiru.

Preezdaanti Saahilawarqi ergaa kana kan dabarsan bara haaraa sababeeffachuunidha.

Preezdaanti Saahilawarqi Zawdee ergaa isaaniin “ Lammiileen Ityoophiyaa essayyuu haa jirannu biyya keenyaa waan gumaachuu dandeenyu qabna, itti gaafatamummaa keenya qixaan haa ba’anu” jedhaniiru.

Hojiiwwan misoomaa gurguddoo bara 2012tti hojjetamanii fi hirmaannaa hawasni taasiseetti gammaduu ibsuun, bara dhufutti hirmaannaan akka kanaa cimee itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hawaasni vaayrasii koroonaarraa ofeeguun guddina buyyaaf, tokkummaa biyyaalessaa fi waldanada’uu cimsuu akka qaban gorsaniiru.

Barri haaraan bara abdiiwwan misoomaa itti mirkaneessinu, bara itti guddannu, rakkinoota keenya itti furannu, walitti bu’insaa fi wal dhabdee otuu hin taane bara wal dhaga’uu akka ta’u ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.