Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimallis miseensota komiishinii dhimmoota bulchiinsa daangaa fi eenyummaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) –Preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Miseensota Komiishinii Dhimmoota Bulchiinsa Daangaa fi Eenyummaa waliin har’a mari’ataniiru.

Miseensoonni kunneen caasaan mootummaa naannoo hanga gadiitti jiru hojii koomishinichaa hubatee deeggarsa barbaachisaa akka taasisuu gaafataniiru.

Preezdaant Shimallisii hojii komiishinichaa deeggaruuf mootuummaan qopha’ii ta’u himaniiru.

Oromiyaan naannoo Tigiraay malee naannolee hundaa kan daangessitu waan ta’eef, miira “Ollaa gaarii” uumuuf hojiilee hedduun hojjatamuu himuun, komiishinichi hanqinoota hafan guutuuf akka cimee hojjatu ibsaniiru.

Marii isaaniin rakkoolee daangaa fi eenyummaa waliin wal qabatanii ka’aniif qo’annoo saayinsaawa, hirmaachisaa fi haammata ta’e gaggeessuun yaada furmaataa dhiyeessuun aangoo komishinichaaf kenname keessaa tokko ta’uunsaa kaasuu isaanii ragaan Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra arganne ni muul’dhisa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.