Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimallis hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa guyyoota 60f hojjetameef galata dhiyeessan

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan kenna tajaajila lamummaan hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa guyyoota 60f hojjetameef hirmaattoota galateeffataniiru.

Guutuun ergaa galataa, Preezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa dabarsan haala armaan gadiin dhiyaateera.

Ummanni keenya yaadoota haaraa fi qajeeltoowwan misoomaa sirriin hogganamanaan raajii hojjechuu akka danda’u qabatamaatti agarsiisee jira”

Mootummaan Naannoo Oromiyaa imala badhaadhinaa milkeessuun kan danda’amu yaadaa fi yaadama biyyoota ambaa irraa waraabameen otoo hin taane duudhaa ganamaatti deebi’uun akka ta’e hubatee jaarmiyaaleen Sirnaa Gadaa Oromoo irraa maddan hammattoo seeraa akka qabaatan taasisuun sochii siyaas-diinagdeefi hawaasummaa ummata Oromoo si’eessuun badhaadhina hundagaleessa ummataan ummataaf dhugoomu milkeessuuf sochii hundagaleessa taasisuu irratti argama.

Bu’uuruma kanaan nageenya waloo Gaachana Sirnaan, Haqa waloo Mana Murtii Aadaan, akkasumas misooma waloo Tajaajila Lammummaan dhugoomsuuf labsiin hundeessee sochii waggoottan sadan darban keessatti taasiseen ummata daangaa hanga daangaa sochoosuun bu’aa qabatamaa galmeessuu irratti argama.

Daandiin Ida’amuutiin  Badhaadhina hunda galeessa ni mirkaneessina jennee afaan guunnee kan dubbachaa jirruuf ummata keenyarraa abdii guddaa waan qabnuufi.

Ummanni keenya yaadoota haaraa fi qajeeltoowwan misoomaa sirriin deeggaramee hogganamanaan raajii hojjechuu akka danda’u qabatamaatti agarsiisee jira.  Bona qamadii Omishuun eeggannaa harka alagaarraa nu baraaruu akka danda’u qabatamaatti mirkaneessee jirra. Piroojaktoota gurguddoo baajanni mootummaa uwwisuu hin dandeenye baasiifi humna isaatiin qarshii biiliyona hedduu walitti qabee ijaarratee jira.

Kun duudhaa  ummanni  keenya sirna Gadaarraa dhaale.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa duudhaalee sirna Gadaa kaneen bu’uura seeraa akka qabaataniif tattaaffiin taasisaa ture ammoo jijjiirama caalmaa fidaa jira. Haala kanaan, tajaajilli lamummaa bu’uura seeraa godhatee hojiirra ooluu erga jalqabeen asitti hojiiwwan misoomaa hedduun baajata mootummaatiin yaadamuu hin dandeenye hojjetamaniiru.

Duudhaa waliin waliif dirmachuu ture caalmaatti dagaagsuu isaatiin miliyoonoonni miliyoonotaan hirphamanii yeroo hameenyaa darbaa jiru. Duudhaa gabbataa dhufe kana fayyadamuun bakka harki mootummaa hin dhaqqabnetti ummanni keenya kan dheebote dheebuu, kan beela’e beela, kan daare daara baasuun arjummaa daangaa hin qabneefi miira namoomaa olaanaan raajii hojjechaa  jirtaniif maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin gammachuu natti dhagahame ibsaa galata guddaa isiniif galcha.

Ji’oota lama dura  labsii sosochii tajaajila lamummaa kunuunsa qabeenya uumamaa guyyoota 60f labsineefi waamicha akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taasifneen irree gamtaa ummata keenyaatiin  raajii hojjetame ijaan agarree jirra. Madaala uumamaa eeguun fayyadamummaa haqa qabeessa dhaloota har’aafi egeree mirkaneessuun duudhaa Oromoo akka ta’e hirmaannaa ummanni keenya duula kunuunsa naannoo irratti taasise ragaa guddaadha.

Karoora kunuunsa qabeenya uumamaa bara kanaaf qabanne tajaajila lamummaatiin  milkeessuuf  hojii misooma sulullaa lafa hektaara miiliyoona 2.5 irratti hojjechuuf qabanneen lafa heektaara miiliyoona 2.41 irratti  istiraakcharoota gara garaa jidhiinsa qusatan hojjechuun hojii qarshii birrii biiliyoona 9.07tti tilmaamamu tajaajila lamummaatiin milkeessuun danda’amee jira.  Hojiin kun bal’ina keessatti osoo hin taane; rakkoo nageenyaa fi yaaddoo keessa taa’amee ta’uun ammoo qophaa’ummaa fi kutannoon ummanni keenya  misoomaaf qabu daran ol’aanaa fi kan nama boonsu ta’uu isaa ibsaa  gootummaa ummanni keenya agarsiiseef galanniin qabu ol’aanaadha.

Gamtaa fi irreen tokkummaa misoomaan injifannoo galmeessisuu jalqabe kun milkaa’ina akeeka Badhaadhinaatiif mallattoo guddaa ta’ee fudhatama. Waan ta’eef injifannoon duula kunuunsa qabeenya uumaa irratti galmaa’e qophii Ashaaraa Magariisaa bara kanaa milkeessuun dabaalamuu qaba. Kanaaf qophii biqiltuufi bakka dhaabbii biqiltuu gamanumaa qopheessuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaa, ummata Oromoo,  Hoggansaa fi qaamolee milkaa’ina hojii kanaaf gumaacha taasiftan, ogeessotaa fi qonnaafi horsiisee bultoota adda durummaan  deeggarsa ogummaa kennaa turtan hundaaf maqaa koofi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin isin galateeffachuun fedha.

Oromiyaa ni ijaarra!

Itoophiyaa ni utubna!

Gaanfa Afrikaa ni tasgabeessina!

Waaqnis nu Gargaara!

Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii BMNO

Bitootessa 21/2014

FinfinneeItyoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.