Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Shimalliis Abdiisaan godina Guraageetti ijaarsa mana barumsaa sadarkaa 2ffaaf dhagaa bu’uura kaa’an

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa naannoo Saboota Sablammoota fi Ummattoota Kibbaa godina Guraageetti mana barumsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin ijaaramuuf dhagaa bu’uura ka’aaniiru.

Godinichatti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Gusbaajay aanaa Inaamoor Inaariitti baajata naannoo Oromiyaan kan hojjatamee kan xumuramu ta’uus ibsameera.

Akka gabaasa OBNtti sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi preezedaantiin Naannoo Kibba Obbo Ristuu Yirdaa  bakka aanga’oonni olaanoon naannoolee fi fedeeraalaa, ummanni godinichaa fi aanichaa argamaniitti kaa’ameera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.