Preezdaant Saahiwarq Zawdeen yaa’ii deeggarsa mootummaa ce’umsa Sudaaniif taasifamuuf qophaa’eerratti hirmaatan
Finfinnee, Caamsaa 10, 2013 (FBC)-Preezdaantiin FDRI Saahiwarq Zawdee Faransaay deeggarsa idil addunyaa mootummaa ce’umsa Sudaaniif taasisuuf yaa’ii Paariisiitti qopheessiteerratti hirmaataniiru.
Yaa’icharratti Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa fi dhaabbileen idil addunyaa hedduun hirmaachuu ibsameera.
Preezdaantiin Faransaay Imaanuu’eel Maakroon biyyi isaanii Sudaan hidaa dhaabbata maallaqaa idil addunyaarra liqeeffattee ni tumsa kan jettee deeggarsa doolaaraa biiliyoona 1.5 taasisuushee ibsaniiru.
Biyyoonni Afrikaa fi dhaabbileen idil addunyaas deeggarsichaa Sudaaniif akka taasisaa Maakroon waamicha dhiyeessaniiru.
Muummeen Ministiraa Sudaan Abdallaa Hamdook deeggarsa fi tumsa biyyattiin taasifteef galateeffataniiru.
Dhimmicha hordoofee marii gaggeeffameen preezdaant Saahilawarq haasaa taasisaniin, hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan baroota dheeraa lakkoofsisee ibsaniiru.
Hidha haaromsaa guddichaa ilaalchisee hidhichi humna elektirikaa maddisiisuun Ityoophiyaa fedhii humna elektirikaa ummattotaashee guutuurra darbee karaa fayyadamuummaa biyyoota naannoo eegeen ijaaramaa jiraachuu himaniiru.
Dhimma waldhabdee daangaa Ityoo Sudaan gidduutti muudatees mariin hiikamuu akka qabuu himuu EBCn gabaaseera.
Dabalataanis yaa’ichaan preezdaantittin preezdaantii Ruwaandaa Poolkaa Gaamee fi preezdaantii Gibtsi Abdulfattaa Alsiisii waliin marichuun isaanii ibsameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.