Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarqii fi preezdaantii Chaayinaa  Shii Jiinpiing hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waadaa galan

Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)-  Preezdaantiin Ityoophiyaa Saahilawarq Zawdee  hundeeffama hariiroo dippiloomaasii Ityoophiyaa fi Chaayinaa waggaa 50 sababeeffachuun  preezdaantii Chaayinaa  Shii Jiinpiing ergaa baga geessaanii wal jijjiiraniiru.

Preezdaantii Saahilawarq waggoottan 50 darbanitti Ityoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo cimaa qabachuusaanii ibsuun, amanammummaa siyaasaa waliinii fi tumsaa bu’aa qabu umuusaaniis ibsaniiru.

Hariiroochi tumsa hunda galeessaa  taasisuun hariiroo biyyoota lamanii caalmaan guddisuu fi faayidaan ummaattoota biyyoota lamaanii damee hundaan akka umamuuf daandii banuusaa preezdaanttittiin ibsaniiru.

Preezdaantii Saahilawarq Zawdee preezdaantii Chaayinaa waliin turtii taasisaniin hariiroo biyyoota lamaanii calmaan cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Preezdaantiin Chaayinaa  Shii Jiinpiing gama isaaniitin, hariiroo biyyoota lamaanii baroota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu ibsuun ammaas caalmaan akka itti fufu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.