Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarqi yaa’ii talaallii idila addunyaarratti hirmaatan

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) –Preezdaant Saahilawarqi Zawdeen yaa’ii talaallii Muummeen Ministiraa Ingiliiz Booriis Joonsan waamanirratti hirmaataniiru.
 
Yaa’ii kanarratti hoggantoonni biyyoota hedduu argamaniiru.
 
Yaa’iin idila addunyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf tattaaffii taasifamuuf shoora olaanaa qabaachuu Preezdaant Saahilawarqi dubbataniiru.
 
Ityoophiyaatti uwwisni talaallii waggaa 2o dura %3o irra ture yeroo ammaa % 72 ga’uu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaatti baajata damee fayyaaf ramadamuu keessaa % 40 talaalliif ta’uu ibsaniiru.
 
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dorgommii caalaa furmaataf waliin hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
 
Uwwisni talaalichaa biyyoota badhaadhanii fi heyyeeyyii gidduutti garaagarummaa qabaachuu hin qabu jedhan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.