Preezdaant Saahilawarq marii jijjiirrama qabeenya qilleensaa fi weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee gaggeeffamerratti hirmaatan
Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen marii jijjiirrama qabeenya qilleensaa fi weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee intarneetiin gaggeeffamerratti hirmaataniiru.
Maricharratti hoggantoonni biyyoota 30 olii, Ministiroonnii fi itti gaafatamtoonni dhaabbilee idil addunyaa hirmaataniiru.
Preezdaant Saahilawarq mootummaan Ityoophiyaa hojmaata jijjiirrama qabeenya qilleensaa giddugaleeffate bocuurratti tarkaanfii fudhataa jiru maricharratti kaasaniiru.
Rakkoolee lameen dura dhaabbachuuf tumsii fi qindoomminni idil addunyaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen, jijjiirrama qabeenya qilleensaa dandamachuuf hojiilee Baankiin Misoomaa Afrikaa fi dhaabbanni ‘Giloobaal Seentar on’ jedhamu hojjetan dinqisiifachuu isaanii ragaa Waajjira Preezdaantirraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.