Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq Liillii Yooseef waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 24, 2012 (FBC) – Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen hoji gaggeessituu fi hundeessituu Faawundeeshinii Taanjabil Hoopp Liillii Yooseef waliin mari’atan.

Faawudeeshiniin Taanjabil Hoopp bara 2011 kan hundaa’e yoo ta’u, kaayyoon isaa shamarran baadiyyaa jiraatan hiyyummaa keessaa baasuu fi dandeettii isaanii cimsuudha.

Dhaabbanni kun naannoo Oromiyaa godina Arsii Lixaa aanaa Kofaleetti sochiirra jira.

Liilliin akka ibsanitti faawudeeshinichi barattoota naannoo Kofalee 100 fi naannoo Sidaamaadha 20 fudhachuun mana barnootaa ijaareera.

Barattoonni kunneen barnoota isaanii hanga xumuranitti deeggarsa kan taasisu yoo ta’u, barattoonni kun barnootarraa akka hin hafneef maatii barattootaa kanaaf zayta nyaataa fi midhaan dheedhii ni deeggara jedhan.

Preezdaant Saahilawarq faawudeeshinichi kaayyoo dhaabateef cimaa ta’uun bu’aa gaarii argamsiisera jedhan.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.