Preezdantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaan ergaa baga geessanii dabarsan
Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
haaluma kanaan guutummaan ergaa isaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Dhalachuun Yesuus Kiristoos duudhaalee sadii akka hubannu nu yaadachiisa; abdii, jaalalaa fi obbolummaa.Yeroo Yesuus dhalate, ilmi namaa abdii guddaan guutame. Barri gidiraa fi dhiphinaa darbee, barri gammachuu, qajeelummaa, abdii fi jaalalaa dhalate.
Namootni rakkoo fi gidiraa garaagaraatiin dhiphatanii jiraataa turan, abdii guddaa horatan. Ilmi dhalate kun hiyyeessaa fi sooressa osoo hin jenne hundumaa wal qixa gammachiise.
Akkuma kana, biyyi keenya waggootan darban kana keessa rakkinaa fi gidiraa guddaa keessa seentee turte.
Humnoonni badii akka TPLF fi Shanee jireenya lammiilee kumaatamaan lakkawaman dukkaneessaniiru. Lammiileen keenya kumaatamatti lakkaawaman lubbuu isaani dhabaniiru.
Miliyoonatti kan lakkawwaman qe’ee isaanii irra buqqa’aniiru. Qabeenyi qarshii biliyoona hedduutti lakkawamu barbadaa’eera.
Shaneenis Oromiyaa bakkoota adda addaati gidiraa hagana hin jedhamne uummata keenya irraan gahaa turte. Akkuma bara Yesuus mootichi Heerodos daa’iiman ajjeesisee, haadholee hedduu boosisee, shororkeessitoonni Shanee fi TPLF daa’immanii fi haadholee keenya hedduu dararuun mankaraarsan.
Dhalachuu fi jireenya Yesuus Kiristoosin dhugaa hin jijjiiramne tokko ifa nuuf ta’eera. Kunis, yaadni fi gochi hamaan kamuu dhuma irrati moo’atamuun isaa kan hin oolle ta’uu isaati. Yaadni fi gochi hammeenyaa kara TPLF fi Shanee ummata keenya irra ga’ee fi ga’aa jiru irree tokkummaa ummata keenyaa fi gargaarsa waaqayyootiin injifatamaa jira. Kunis lammiile keenya fi michoota biyya keenyaa biratti abdii guddaa uumeera.
Lammaffaa, dhalachuun Yesuus Kiristoos mallattoo jaalalaati. Gooftaan Yesuus Kiristoos akka namaa foon uffatee, hiyyeessa ta’uu filatee mooraa loonii keessatti dhalate. Gonfoo kabajaa dhiisee, nama wajjin jiraachu jaallate. Kanaanis jaalala ilma namaa fi addunyaaf qabu nutti mul’ise.
Jaalalli Yesuus Kiristoos dhalachuu isaatin nutti agarsiise kun, nutis akka wal jaalannu, uumama hundumaas akka jaalannu nu barsiisa.
Dhalachuu fi jireenyaa isaatiin qajeelummaa fi haqa-qabeessummaa nu barsiisee jira. Kunis, ummata keenyaaf jecha gadi jennee, tajaajila haqa-qabeessa, kan hiyyeeyyii hin gidirsine, kan sooreyyiif hin loogne kennuu keessatti duudhaa dhaaluu malluudha. Biyyi keenya qabeenya umamaan kan badhaate dha.
Lageen, gaarreen, bosonni, bineensonni fi biqiltoonni ishee kennaa uumaan nu badhaase. Jaalalli dhaloota Yesuus Kiristoosin baranne, qabeenya kana jaalalaa fi itti gaafatamummaan fayyadamnee eegnee dhaloota dhufutti dabarsuuf dirqama akka qabnu nu yaadachiisa.
Sadaffaa, dhaloonni Gooftaa Yesuus Kiristoos obbolummaa keenya nu yaadachiisa. Yesuus Kiristoos “Abbaa Keenya” jedhee Waaqa waama. Waaqni “Abbaa keenya” hunda yoo ta’e, nuti hundi keenya ammoo “Obboleewwan” ta’uu keenya nutti agarsiisa.
Garaagarummaan afaanii, sabummaa fi kanneen biroo biyya keenya keessatti mul’atan kan gargar nu baasuu malan osoo hin ta’in inumaayyuu miira obbolummaan caalmaatti walitti nu fiduu akka qaban Yesuus Kiristoos nu barsiisa. Nutis danummaan biyya keenya keessattu mul’atu kana akka miidhaginaatti ilaallee, caalmaatti wal kabajuu fi wal jaalachuuf itti fayyadamuu akka qabnu dhalootni Gooftaa Yesuus Kiristoos nu hubachiisa.
Ayyaanni dhaloota Yesuus Kiristoos borus kabajnu, hiyyummaa, jibbaa fi wal qoodiinsa injifachuuf abdii akka horannu, jaalalaa biyyaa fi lammiilee keenyaaf qabnu miira tajaajilummaatiin gad-of-qabne agarsiisuuf, sab-daneessummaa fi af-daneessummaa keenya akka kennaatti ilaallee fuuldurati tarkaanfachuuf akka nu kakaasu abdii guddan qaba.
Keessumattuu akkuma dhalachuun yesuus Kiristoos kan kufan ol-qabee, kan dhukkbstaniif fayyina ta’e sana, nutis ayyaana kana yommuu kabjanu lammiilee keenya sababa waraanaatiin qehee fi qabeenya ofiirraa buqqa’anii daandirratti kufaniif, kanneen daaranii fi miidhamanii dhukkubaan dararamaa jiraniif waan qabnurraa qooduufiin waliin ayyaaneeffachuu qabna.
Baasii ayyaanaaf jennee baasnurraa qusachuun jireenya idilee ofiitti akka deebi’aniif harka keenya arjoomuu bareen itti hiixaachuu qabna.
Irra deebiin Baga Ayyaana Dhaloota Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin isin ga’e!
Shimallis Abdiisaa, Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Mudde 28, bara 2014,
Finfinnee
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.