Preezdaant Aaganyaw Tashaager jila Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Fulbaana 6, 2014 (FBC)- Preezdaantiin mootummaa naannoo Amaaraa Obbo Aaganyaw Tashaager jila Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa waliin mari’ataniiru.
Preezdaant Aaganyaw badii gareen shororkeessaa ABUT bakkeewwan adda addaa naannichaatti raawwateen deeggarsi namoomaa ariifachiisaan kan barbaachisu ta’uu kaasuu isaanii ibsameera.
Dabalataanis gareen badii kun bakkeewwan kanneenitti lo’ee seenuun lammiilee nagaa ajjeesera, qe’eef qabeenya isaniirraa buqqiseera kana malees deeggarsa nyaataa gahaa akka hin arganne gochaa jiraachuu isaa ibsaniiru.
Kanaafis bakkeewwan kanneenitti dhaabbatichi deeggarsa namoomaa ariifachiisaa akka taasisu Preezdaant Aaganyaw gaafachuu isaanii AMK gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.