Fana: At a Speed of Life!

Poorchuulgaal damee barnootaan Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsite

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC) –Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan Ministira Dhimma Alaa fi tumsaa Poorchuugaal Nuunoo Saampaayyoo waliin mari’taniiru.

Dhimmoota Tumsa barnootaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti mari’ataniiru.

Poorchuugaal damee barnootaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaannaa qabaachuu akka qabdu Piroofesar Birhaanuun ibsaniiru.

Poorchuugaal barnootaa fi damee biroon tumsaa fi michummaa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsitee itti fufuuf fedhii qabaachuu Nuunoo Saampaayyoon eeraniiru.

Itiyoophiyaaf carraa barnoota bilisaan kennitu guddisuuf fedhii qabaachuu kaasuu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.