Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Oromiyaa tatamsa’ina vaayirasii Koroonaa ittisuuf sosochii godhamu milkeessuuf hojjechaa jira

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Poolisiin Oromiyaa tatamsa’ina vaayirasii Koroonaa ittisuuf sosochii godhamu milkeessuuf hojjechaa jiraachuu Koomishiiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
 
Poolisiin naannichaa ummataa balaa vaayrasii koroonaarra baraaruuf hojjechaa jira jedhame.
 
Qaamoolee qajeelfamaa, fi barnoota mootummaa vaayrasii koroonaan ittisuuf baase faallesanii fi gorsa ogeeyyii fayyaa hojiirra hin oolchinerratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu isaa Koomishiiniin Poolisii naannicha ibsa baaseen eereera.
Hubannoo ummataa cimsuun cinaatti namootaa fi dhaabbilee maal nadhideedhaan socho’uun ummata balaaf saaxilan irratti tarkaanfiin itti fufiinsaan kan fudhatamu ta’uu beeksiseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.