Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin magaalichatti kabaja ayyaana Adwaa guyyaa boruu kabajamuuf daandiiwwan cufaa ta’an ifoomse

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti kabaja ayyaana Adwaa guyyaa boruu kabajamuuf daandiiwwan konkolaattootaaf cufaa ta’an Poolisiin magaalichaa ifoomseera.

Ayyaanicha sabaabeffachuun sagantaan addabaabaayii Minikiliitti gaggeeffamuu hanga xumuramutti daandiiwwan cufaa ta’aan:-
Daandii Charchar gara addabaabaay Teedroos geessuu, addaabaabaayii Minilik lammaaffaa geessuu.

Daandii Kiiloo afurii Biraas Mokkonniinii gara addabaabaayi Minikil lammaffaa riqichaa Raas Mokkoonni geessu.

Daandii Naannoo Manaanii fi Hospitaala Yakkatiitii 12rraan Afincoo Barriidha gara addabaabaay Miniliik geessuu.

Daandii Addisuu Gabaadhaa Hoteela Kaabarraan gara addabaabaay Minilik geessuu.

Daandii Markaatoo Abuna Peexiroosii gara addabaabaay Minilik geessuu.

Haaluma walfakkatuun sagantaa Riqichaa Adwaatti gaggeeffamuuf
Daandii Magganaanyarra gara riqicha Adwaa marfata hospiitala Dimbaruwaa geessuu.

Daandii Kaazaanchisiirra Faawundeeshinii Mallasii gara addabaabaayii dubratootaatti kan geessuu.

Daandii Imbaasii Ingiliziirraan mana waliin jireenya Baaldaraasii gara Riqicha Adwaa geessuu.

Daandii Qabbannaarra gara Awwaaree fi riqichaa Adwaa geessuu
Ibsaa Paarlaamaarra gara Awwaaree daandii geessuu.

konkolaattootaaf cufaa akka ta’aanii konkolaachiftoonni daandiiwwan filatamoo ta’aan akka fayyadaman ibsameera.

Hawaasni dhimmoonni shakkisiisoon yoo muudatan saraara bilbilaa 011-1-11-01-11 fi sarara bilbila bilisa 991miseensoota poolisii argachuu akka danda’aan ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.