Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Magaalaa Finfinnee nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa mirkaneessuuf ga’umsaan hojjechaa jira – Aadd Adaanech Abeebee

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Poolisiin Magaalaa Finfinnee riifoormii gaggeessuun nageenyaa fi tasgabbii magaalichaa mirkaneessuuf ga’umsaan hojjechaa jiraachuu Kantibaan magaalichaa Aadd Adaanech Abeebeen ibsan.

Aadde Adaanech qondaaltoota Poolisii leenjii fudhachaa turan marsaa 24ffaaf eebbisiisaniiru.

Poolisiin magaalichaa Nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf ga’umsaan hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Eebbifamtoonni miira tajaajiltummaa gaariin hawaasa magaalichaa amanamummaa fi haqummaan akka tajaajilan dhaamaniiru.

Faayidaa fi fedhii dhuunfaa ofiirra fedhii fi faayidaa ummaataaf dursa kennuun itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan yaadachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.