Poolisiin Federaalaa miseensoota poolisii marsaa 19ffaaf leenjisaa ture kuma 6 fi 431 eebbisise
Finfinnee, Caamsaa 1, 2013 (FBC)- Komiishinii Poolisii Federaa giddugalaa leenjii Xoollaayiitti miseensoota poolisii marsaa 19ffaaf leenjisaa ture kuma 6 fi 431 eebbisiseera.
Sirni eebbichaarratti Komishinarri komishinii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eelii, Itti aanaan Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Malaakuu Faantaa fi itti aanaa preezdaantii inistityuutii poolisii Ityoophiyaa Komishinaar Jeneraal Masfiin Abbabaan argamaniiru.
Miseensoonni poolisii eebbifamaan ergama isaanii raawwachuu, biyyatti badiirra oolchuufi seeraa kabachiisuu akka hojjeetan ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.