Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaafi Poolisiin Soomaaliyaa waloon hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 30, 2015(FBC)- Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaafi Poolisiin Soomaaliyaa dhimmoota waloon hojjechuu danda’anirratti waliin hojjechuuf waliigaltee waliif mallatteessan.

Waliigaltichi yakkoota  daangaa ce’an, shororkeessummaafi daddabarsa namaa fi meeshaalee seeraan alaa ittisuuf waliin hojjechuu kan isaan dandeessisu ta’uu eerameera.

Kana malees hoggantoonni dargaggootaa poolisii biyyattii Kolleejjii Poolisii Ityoophiyaa seenuun leenjii akka argatan kan taasisuu ta’uufi yeroo dhiyootti miseensonni poolisii Soomaaliyaa 40 ta’an gara Ityoophiyaa dhufuun digirii jalqabaafi 2ffaan leenjii kan fudhatan ta’uu ifoomeera.

Waliigalticha Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eliifi gitni isaanii Meejar Jeneraal Abdii Hasan Mahaammad mallatteessuu TOI gabaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.