Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa gurmaa’insa caasaalee fi moggaasaalee Ityoophiyaa fakkaatan qopheessuu ibse

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Poolisiin Federaalaa gurmaa’insa caasaalee fi moggaasaalee Ityoophiyaa fakkaatan qopheessuun hoggantoota sadarkaa giddugaleessaaf leenjii hoggansaa kennaa jiraachuu ibse.

Hoggantoonni giddugaleessaa Poolisii Federaalaa kutaa olaanaatti ramadaman caasaa dhaabbataa, gurmaa’iinsaa fi ga’ee hoggansa Traanisfoormeeshinii irratti leenjii fudhachuu ibsameera.

leenjichi karoora waggoota 10 raawwachiisuu isaan dandeessisu Yuunvarsiitii Poolisii Ityoophiyaatti fudhachuu ibsameera.

Ramaddiin hoggantoota kanneenii sadarkaa, muuxxannoo hojii, sadarkaa barnootaa hirmaachisummaa dubartootaa fi sabdaneessummaa irratti hundaa’uun gaggeeffamuu eerameera.

Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el karoora tarsiimoo waggoota 10 komishinichaarratti ibsa taasisaniiru.

Muuxxannoo gaarii biyyoota biroo haala kamiin fayyadamuun akkaataa danda’amurratti ibsa laataniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.