Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa dhaabbilee idil addunyaa lama waliin damee garaagaraarratti waloon hojjechuuf waliigale

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC) – Poolisiin Federaalaa dhaabbilee idil addunyaa lama waliin damee garaagaraarratti waloon hojjechuuf waliigaluu ibsameera.
Gamtaa Awurooppaatti Ejansiin tumsa idil addunyaa Jarman (GIZ) fi Giddu Galli damee bulchiinsa Jeeneevaa (DCAF) waliin teeknooloojii qorannoo Foorensikii guutuu fi leenjirratti waloon hojjechuuf waliigalaniiru.
Gamtaa Awurooppatti koreen damee Riifoormii Ityoophiyaa deeggaruuf hundaa’e Komishinara Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eelii fi itti aanaa Komishinaraa Jeneraal Zalaalam Mangistee waliin wayita waajjira muummeetti mari’atan waliigalteerra ga’uu himameera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.