Poolisiin Federaalaa bakka buutoota Intarpool waliin dhimmoota yakkoota idil addunyaa ittisuun danda’amurratti mari’ate
Finfinnee, Bitootessa 24, 2014 (FBC)- Poolisiin Federaalaa bakka buutoota Intarpool waliin dhimmoota yakkoota idil addunyaa ittisuun danda’amurratti mari’ateera.
Komishinarri Ittaanaa Poolisii Fedeeraalaa Jenaraal Zalaalaam Mangistee Firaans, Waajjira Olaanaa Intarpool Liyoonitti waltajjii marii yakkoota daangaa ce’anii fi shororkeessummaa ittisuuf carraaqqii taasifamurratti hirmaataniiru.
Maricha irrattis Hoggantoonni Olaanoo Poolisii Gamtaa Awurooppaa, Biyyoota Bahaa fi Giddugaleessaa, Gamtaa Imireetoota Arabaa fi Intarpool argamaniiru.
Marichaanis yakkoota daangaa ce’an, shororkeessummaa, daddabarsa nama seeraan alaa fi yakka daldala qaama namaa irratti dhimmoota biyyoota giddutti hojjetamu irratti odeeffannoo waljijjiiruu, hordofuu, to’achuu fi seeratti dhiyeessuuf marii bal’aa taasisaniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.