Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin daandilee sochii tiraafikaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Amajjii 9, 2016 (FBC)- Jala bultiin Ayyaana Cuuphaa (Kataraa) fi Ayyaana Cuuphaa kabajamu hordofee daandileen sochii tiraafikaaf cufaa ta’an Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomseera.

Ayyaanni Cuuphaa rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf qaamoleen nageenyaa qophii duraa barbaachisaa xumuruun hojiitti seenuun eerameera.

Kabaja ayyaanichaan walqabatee hawaasni bal’an Taabotaa dabaaluun manneen amantaarraa gara laga cuuphaatti waan socho’uuf, yaa’iinsa tiraafikaan muddamni akka hinuumamneef, daandilee taabonni irra imalurraa konkolaattoonni yeroo gabaabaafis ta’e dheeraaf dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu ibseera.

Keessumaa ummanni hedduun kan irratti argamuu Hurufa Boombii (Jaan meedaatti) Amajjii 10, 2016 eegalee hanga Taabonni gara mana amnataatti deebi’utti daandilee konkolaattotaaf cufaa ta’an beeksiseera.

Haaluma kanaan daandileen:

 Addabaabaayii kiiloo 6 hanga Addabaabayii Shaalaqaa 3ffaa Faransaay Lagaasiyoonitti

 Addabaabaayii shaalaqaa 3ffaa-Hospitaalaa Minilik-Addabaabaayii Qabbanaa

 Hospitaalaa Minilikii hanga buufata taaksii kiiloo 6tti

 Mana amantaa Qiddisti Maariyaamii hanga Kiiloo 6tti

 Kiiloo 6 hanga Mananitti

 Haamlee 19 hanga Embaasii Ijibtitti

 Suuqiiwwan Gurgurtaa Gizaazaa Qiddisti Maariyaamii hanga Jaanmeedaatti

 Riqicha Ginfillee-Daandilee keessoo Hospitaalaa Minilik geessan

 Maqa Ginfillee hanga fuuldura Hospitaala Minilikitti

 Karra Boroo Hospitaalaa Minilik hanga maqa Beellaatti, daandileen jiran konkolaattotaaf cufaa ta’uu Poolisiin magaalatti hubachiiseera.

Ayyaanichi hanga xumuramutti Jaanmeedaa fi naannawicha konkolaattota dhaabanii deemuun gonkumaa dhorkaa ta’uu eeruun, konkolaachistoonnis ajaja miseensota Poolisii Tiraafikaa fudhachuun gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.