Fana: At a Speed of Life!

Pool Kaagaameen Ministirootaa fi Ajajoota Raayya Ittisaa fi Nageenyaa irratti jijjiirama tasaa taasisuun gabaafame

Finfinnee, Caamsaa 30, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen Ministirootaa fi Ajajoota Raayya Ittisaa fi nNageenyaa biyyattii irratti jijjiirama tasaa taasisuun gabaafame.

Pireezidaanti Pool Kaagaameen bakka aanga’ootaa kaasanii, Jooviineel Maariizaamuundaan Ministiraa Raayya Ittiisaa, Letenaal Jeneraal Mubaarak Mugaandaan ammoo Itaamaajooshuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisaa taasisuun muudaniiru.

Dabalataan, ajajaa humna lafoo biyyattii fi ajaja fi hogganaa nageenya Odeefannoo Raayyaa Ittisaa haaraan bakka buusuun gabaafameera.

Raayyaan ittisaa Ruwaandaa Moozaambikiin tumsuuf bobba’e irrattis jijjiirraa ajajootaa taasisuun himameera.

The New Times akka gabaasetti muudamni Pireezidaanti Pool Kaagaamee Wiixataa galgalaa taasisan akka tasa ture.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.