Piroojektoonni anniisaa haaromsamuu daangaa ce’aan tokkummaa naannawaa cimsuuf qooda olaanaa qaba –Wiiliyaam Ruutoo
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2015 (FBC) – Piroojektoonni Anniisaa haaromsamuu daangaa ce’aan hariiroo daldala Humnaa guddisuurra darbee tokkummaa naannawaa cimsuuf qooda olaanaa qabaachuu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon ibsan.
Fooramni filannoo Anniisaa Haromsamuu Afrikaa Keeniyaa Naayiroobiitti bakka Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon argamaniitti eegalameera.
Pireezidaanti Wiiliyaam Ruutoon, tumsi filannoo Anniisaa naannawaa daraan murteessaa ta’uu eeruun, fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Waltajjicharratti kuufamni Anniisaa haaromsamuu Ityoophiyaan qabdu dhiyaateera.
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan Ityoophiyaan misooma Anniisaa Haaromsaarratti hojiilee hojjetaa jirtu kan qooddu ta’uu himaniiru.
Dhaabbileen mootummaa gara filannoo Anniisaa qulqulluu fi itti fufiinsa qabuutti ce’uu akka qaban Pireezidaanti Ruutoon ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.