Piroojektiin sarara Elektirikii Baha Afrikaa Keeniyaa irraa gara Taanzaaniyaatti humna dabarsuu eegale
Finfinnee, Mudde 6, 2017 (FMC) – Qaama bu’uura Misooma humna Elektirikaa Itiyoophiyaa, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa kan ta’e proojaktiin sarara Elektirikaa Baha Afrikaa Keeniyaa irraa gara Taanzaaniyaatti yaalii humna dabarsuu eegaluu ibsameera.
Walitti hidhamiinsi dhiyeessa humna Ekektirikaa naannawichaa kun gatii madaalawaan dhiyeessa humnaa amansiisaa mirkaneessuun hariiroo biyyoota kanneenii caalmaatti kan cimsu ta’uu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksiseera.
Walitti hidhamiinsichi dhiyeessa anniisaa haaromuu Itiyoophiyaa caalmaatti babal’isuun gurgurtaan humna Elektirika magariisaa naannawichatti akka babal’atu qooda olaanaa qabaachuu eerame.
Itiyoophiyaan gurgurticharraa bara jalqabaa galii Doolaara miiliyoona 200 akka argattu kan dandeessisu ta’uu ragaan ministeerichaa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ethiopia