Fana: At a Speed of Life!

Piroojektiin kutaalee hawaasaa hongeen miidhaman deeggaru ifoome

Finfinnee, Bitootessa 8, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Misooma Qindaa’aa Fayyaa jedhamu piroojektii kutaalee hawaasaa sababa hongee fi walitti bu’iinsaan miidhaman deeggaru haaraa ifoomseera.

Dhaabbatichi waggaa tokkoof hawaasa naannoo Oromiyaa,Somaalee fi Beenishaanguul Gumuz sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa tajaajila fayyaa fi deeggarsa namoomaa dhiyeessaa turuu eerameera.

Jiraattoonni kumni 300 ol tajaajilicharraa fayyadamoo ta’aa turuu eerameera.

Dhaabbatichi sagantaa Piroojektii haaraa ifoomsuu fi cufiinsa dura turee magaalaa Adaamaatti gaggeesseera.

Piroojektoonni akka kanaa rakkoolee hawaasaa furuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan saganticharratti argamuun haasawa taasiisaniin himaniiru.

Ministeerri Fayyaa tattaaffii rakkoolee fayyaa hawaasaa furuuf taasiifamu deeggaruuf murannoo qabaachuu dubbataniiru.

Dhaabbatichi naannolee sadan keessatti lammiilee rakkoolee garaagaraa qabaniif tajaajila damee Fayyaa,Nyaataa, Qulqullinaa fi deeggarsa yeroo ariifachiisaa taasiisuuf Piroojektii haaraa ifoomseera.

Sagantaa kanaan kutaaleen hawaasaa kuma 500 ol ta’an fayyadamoo ta’u jedhamuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.