Fana: At a Speed of Life!

Piroojektiin ijaarsa nageenyaa naannawaa Ollaa Oromiyaa fi Beenishaanguul Gumuz irratti hojjetu ifoome

Finfinnee, Mudde 26, 2015 (FBC) – Piroojektiin naannawaa Ollaa Oromiyaa fi Beenishaanguul Gumuzitti ijaarsa nageenyaa fi walitti bu’iinsaaf deebii laachuurratti hojjetu ifoomeera.

Piroojektichi bakka hoggantoonnii fi qooda fudhattoonni garaagaraa argamanitti hojiilee hojjetu beeksiseera.

Piroojektichaan Beenishaanguul Gumuzii fi Naanoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti walitti bu’iinsaa deebii laachuu fi ijaarsa nageenyaa hojiirra oolchuuf tattaaffii taasiifamu milkeessuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu qooda isaanii akka ba’an Walitti qabaan Waldaalee Misoomaa Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Faantahuun Mallasaan ibsaniiru.

Piroojekticha sagantaan deeggarsaa Hawaasa Siiviikii – 2 dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun hojiitti kan hiikamu ta’uu himaniiru.

Piroojektiin amma ifoome kun ijaarsa nageenyaa fi walitti bu’iinsa hiikurratti dhaabbileen Siiviikii qindoominaan hojiirra kan oolchan ta’uu Hojii gaggeessaan sagantaa deeggarsaa Hawaasa Siiviikii – 2 Obbo Gammachiis Xirunahiin ibsaniiru.

Hojirra oolmaa isaafis Birriin miiliyoonni 5.3 raamadamuu ibsameera.

Piroojektichi lammiilee kuma 1 fi 280 kallattiin fayyadamoo kan taasiisu yoo ta’uu, al kallattiin ammoo kutaalee hawaasaa kuma 42 fi 500 fayyadamoo kan taasiisu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Beenishaanguul Gumuzirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.