Piroojektiin Hidha Haaromsaa ajandaa misoomaa malee qaama kamiyyuu miidhuuf miti – Ugaandaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa
Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC) – Piroojektiin Hidha Haaromsa Guddichaa ajandaa misooma lammiilee Ityoophiyaati malee qaama kamiyyuu miidhuuf kan kaayyeffate miti jedhan Ugaandaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Itsagannat Yimanuun.
Ambaasaaddar Itsagannat Yimanuun Barreessaa Olaanaa Inisheetiivii Yaa’aa Laga Naayil Siiyilviisteera Antoonii waliin Ugaandaa Kaampaalaatti mari’ataniiru.
Marii sadee Hidha Haaromsaa Gamtaa Afrikaan alatti gara qaama alaatti fudhachuuf tattaaffiin taasiifamu kamiiyyuu fudhatama kan hin qabne ta’uu Ambaasaaddar Itsagannat hubachiisaniiru.
Biyyoonni yaa’a Laga Naayil haala haqa qabeessaa fi sirrii ta
’een Bishaan akka fayyadaman taasiisuu fi tumsa biyyoota kanneen gidduu jiru guddisuuf Inishiyeetiivichi hojiin hojjete kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbatichi akka cimsuuf qoodni Ityoophiyaa guddaa ta’uu Barreessaa Olaanaan Inisheetiivii Yaa’aa Laga Naayil Siiyilviisteera Antooniin eeraniiru.
Inisheetivichi kaayyoo dhaabbateef akka milkeessu tumsi Ityoophiyaa cimee itti fufuu akka qabu gaafachuu ragaan Ugaandaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.