Piroojektiin Bishaan Roobaa kuusuu ‘Hidha Qa’ee kootti’ jedhu ifatti eegale
Finfinnee, Fulbaana 25, 2015 (FBC) – Naannolee hongeef saaxilamoo ta’anitti Piroojektiin Bishaan Roobaa kuusuu ‘Hidha Qa’ee kootti’ jedhu ifatti eegaluu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii beeksiise.
Godina Booranaatti Hojii Piroojektii Bishaan Baaxirraa kuusuun hojiirra oolchuu hojjetamaa jiru Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injiinar Dooktar Habtaamuu Ittifaa dabalatee hoggantoota olaanoon daawwatameera.
Yaaliin Bishaan Kuusuu mata duree ‘Hidha Qa’ee Kootti’ jedhuun Inistiityuutii Teeknooloojii Bishaan Ityoophiyaan gaggeeffamaa jiru bu’aa qabeessa ta’uu eerameera.
Piroojektiin kunneen Godina Booranaa Manneen Barnootaatti hojiirra oolaa jiraachuu Dooktar Injiinar Haabtaamuun ibsaniiru.
Manneen Barnootaa 8 fi naannawaa tokkotti hojiirra ooluu eegaluu ibsuun, Piroojektichi naannolee Hongeef saaxilamoo ta’aniif furmaata sirrii ta’uu dubbataniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.