Fana: At a Speed of Life!

Piroojektii seeftineetiin namoota daandiirra jiraatan kuma 20fi 991 fayyadamoo taasisuun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Mudde 17, 2015(FBC)- Piroojektii seeftineetiin namoota daandiirra jiraatan kuma 20fi 991 fayyadamoo taasisuun danda’amuu Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa beeksise.

Piroojektii seeftiinetii marsaa jalqabaa magaalota 11 keessatti hojiirra ooleen lammiilee daandiirra jiraatan kuma 20fi 991 fayyadamoo taasisuun danda’amuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ministeerichi hojiirra oolmaa piroojektichaa ilaalchisee guyyaa har’aa ibsa laateera.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Eergoogee Tasfaayeen ibsa laataniin, qaamolee dhimmamtootaafi dhaabbilee tajaajilaa waliin ta’uun lammiilee daandiirra jiraatan fayyadamoo piroojektichaa taasisuun danda’amuu eeraniiru.

Fandii eegumsa hawaasummaa kutaalee hawaasaa sababoota garaagaraan rakkoof saaxilaman karaa itti fufiinsa qabuun deeggaruufi deebisanii dhaabuuf became hojiirra oolchuuf tattaaffiin ni taasifama jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.