Fana: At a Speed of Life!

Piroojektii Bishaan dhugaatii Toogoo Caalee baasii Birrii miiliyoona 500 ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015(FBC)- Pireezidaantii naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad Piroojektii Bishaan dhugaatii Toogoo Caalee baasii Birrii miiliyoona 500 ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa kaa’an.

Piroojektichi rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Toogoo-Wucaalee ni hambisa jedhameera.

Baasiin ijaarsa piroojektichaa Ministeera Bishaaniifi Inarjiin kan uwwifamu ta’uu ibsameera.

Piroojekticha waggaa tokkoofi baatiiwwan 6 keessatti xumuruuf karoorfatamuu hogganaan Biiroo Misooma Bishaanii naannichaa obbo Hasan Mahaammad Huseen ibsaniiru.

Piroojektichi lammiilee kuma 60 ol fayyadamoo kan taasisu ta’uu ibsameera.

Saganticharratti pireezidaantii naannichaa obbo Musxafee Mahaammad  dabalatee Ministir Deetaa Ministeera Bishaaniifi Inarjii Ambaasaaddar Asfaawu Diingaamoofi hoggantoonni olaannoon naannichaa biroon argamuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.