Fana: At a Speed of Life!

Pirojektoonnii fi sagantaaleen qonnaa ce’umsa damichaa saffisiisuuf gahee olanaa qabu-Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)-Pirojektoonnii fi sagantaaleen qonnaa ce’umsa damichaa saffisiisuuf gahee olaanaa akka qaban Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen beeksisan.

Waltajjii gamaaggama raawwii karoora bara 2016 fi karoora bara 2017’rratti Dooktar Girmaan, hojiileen gaggeeffaman hunduu karooraan hogganamuu akka qaban dubbataniiru.

Pirojektoonni yeroo qabame keessatti bu’aa eegamu akka galmeessaniif qulqullinaan karoorsuurraa eegalee sirnaan hogganuun ce’umsa damee qonnaa saffisiisuuf gumaacha olaanaa qabu jedhaniiru.

Dabalataan oomishaa fi omishtummaa damichaa ni guddisuun kan eegamu ta’uu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Waltajjicharratti karoorri bara 2017 sagantaa wabii nyaataa cimsuu dhiyaatee kan irratti mari’atame yoo ta’u, dhimmoota karooricha keessatti hammatamuu qabanirratti bal’inaan mari’achuun bu’aa garii galmeessuuf qindoominaan hojjechuuf waligalteerra ga’amun eeameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.