Fana: At a Speed of Life!

Pirojektoonni Maaddii miidhagina ajaa’ibsiisa Itiyoophiyaa ifa baasaniiru-Amb. Naasisee Caalii

Finfinnee, Adoolessa 7, 2016 (FBC)- Pirojektoonni Maaddii, miidhagina ajaa’ibsiisa Itiyoophiyaa ifa kan baasanii fi guddummaa mul’ataa kan argisiisan ta’uu Ministirri Tuuriizimii Ambaasaddar Naasisee Caaliin ibsan.

Pirojektiin Gorgoraa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eebbifamuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan Ambaasaddar Naasisee Caaliin akka ibsanitti, pirojektichi damee tuuriizimii kan guddisee fi Itiyoophiyaa dorgomtuu kan taasisuudha.

Keessumaa ijaarsi bu’uraalee misoomaa qulqullinaan hojjetamuu fi kan hir’ataan guutuun akka danda’ame eeranii, miidhagina Itiyoophiyaa dhokatee turee fi guddummaa mul’ataa kan argisiise ta’uu dubbatan.

Raawwiin pirojektootaa abdii fi egereef yaadaa guddachuun kan danda’amu ta’uu qabatamaan kan argisiise ta’uu ibsan.

Pirojektoonni Maaddii bakkeewwan hawwata tuuriizimii Itiyoophiyaa kan bal’isan, miidhagina uumamaa ogummaan daran miidhagsuun naannawaa hawwataa taasisuun akka danda’amuu kan mul’iseedha jedhaniiru.

Dameewwan hundaan guddummaa mul’ata misoomaa fi dorgomtummaan dabalaa akka dhufu taasisuu kaasanii, pirojektiin Gorgoraas argisiistuu kanaa ta’uu himaniiru.

Ikkoo Riizoortiin Gorgoraa guddina tuuriizimii Itiyoophiyaaf dandeettii dabalataa ta’uu kaasanii, tuuristoonni biyya keessaas ta’e alaa miidhagina ajaa’ibsiisaa Gorgoraa akka dawwatan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.