Fana: At a Speed of Life!

Pirojektoonni kumni 19 fi 900 ol Birrii biiliyoona 54 fi miiliyoona 280 oliin ijaaraman tajaajilaaf qophaa’an – BMNO

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Oromiyaatti bara kana Pirojektoonni kumn 19 fi 900 ol Birrii biiliyoona 54 fi miiliyoona 280 oliin ijaaraman tajaajilaaf qophaa’uu Bulchiinsi naannichaa beeksise.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Pirojektoota buleeyyiifi haaraa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan yeroo qabame keessatti qulqullinaan xumursiisuun tajaajila uummataaf banaa taasisaa jiraachuu ibsameera.

Kanaanis, bu’aawwan hedduun fayyadamummaa uummataa mirkaneessan galmaa’uu eerameera.

Bara kanas pirojektoota gosa garaa garaa kumni 19 fi 912 baajeta mootummaa, miti-mootummaa fi humna walootiin Birrii biiliyoona 54 fi miiliyoona 280 fi kuma 538 oliin ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf qophaa’uu mootummaan naannichaa ibseera.

Guyyaa har’aas jilli Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan durfamu Godina Shawa Bahaa Aanaa Gumbichuutti pirojektota gosa gara garaa ijaaramanii xumuraman eebbisiisuun tajaajila uummataaf banaa taasisaniiru.

Aanaa Gumbichuutti Pirojektoonni gosa garaa garaa 37 Birrii miiliyoona 488 oliin ijaaraman xumuramuun tajaajila uummataaf ga’uu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.