Fana: At a Speed of Life!

Pirojektoonni dandeettii damee ijaarsaa cimsaan eebbifaman

Finfinnee, Sadaasa 1, 2016 (FBC)- Koorporeeshiniin Hojiilee Ijaarsaa Itiyoophiyaa Pirojektoota damee ijaarsaa cimsan eebbisiiseera.

Sirna eebbichaarratti Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Ministira Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaayiin dabalatee, ministiroonni, qondaaltonni mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Pirojektonni koorporeeshinichi har’aa eebbisiisees Inistiitiyuutii Misooma Ogeeyyii Ijaarsaa, Oomishaa fi Raabsaa Galteewwan Indaastiriiwwan Ijaarsaa, akkasumas moodeliingii Odeeffannoo Ijaarsawwanii ta’uun ibsameera.

Kana malees, argisiisni suuraa adeemsa koorporeeshinichi keessa darbee kan argisiisan daawwattootaaf banaa ta’eera.

Dhaabbatichi sagantaalee misoomaa waggoota 10 qabate keessaa dameen ijaarsaa tokko yoo ta’u, damichi humna namaa fi teeknooloojiin dorgomaa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuun ka’eera.

Pirojektoonni har’a eebbifamanis damichaan hojiilee fooyya’aa hojjechuuf dandeettii dabalataa kan uuman ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.