Pirojektoonni bishaan dhugaatii kuma 9 ol xumuramuun tajaajilaaf oolan- Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa
Finfinnee, Adoolessa 2, 2015 (FBC) –Biiroo Bishaani fi Inarjii Oromiyaa bara baajataa 2015’tti pirojektoonni bishaan dhugaatii kuma 9 fi 99 xumuramuun tajaajilaaf ooluu beeksiseera.
Hooggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa raawwii Biirichaa ilaalchisuun Miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Bara baajataa 2015’tti pirojektoonni bishaan dhugaatii kuma 9 fi 99 Birrii Biiliyoona 9 fi Miiliyoona 400 oliin hojjetamuun tajaajilarraa ooluu himaniiru.
Waliigalaanis Pirojektoonni kunneen namoota miiliyoona 3 fi kuma 700 ol fayyadamoo ni taasisas jedhaniiru.
Sochii kanaan namoota kuma 35 oliif carraan hojii uumamuu, hojiin kenna tajaajila lammummaa Birrii miiliyoona 5 fi kuma 900 oliin hojjetamuufi galiin Birrii miiliyoona 500 fi miiliyoona 23 ol walitti qabamuu himaniiru.
Godinaalee rakkoon hongee mudate 10 keessatti sochii dhiyeessii bishaanii taasifameen Birrii mMiiliyoona151 oliin uummata miiliyoona 2 fi kuma 800 fayyadamaa taasisuun danda’amuus Injiinar Miiliyoon dubbachuu OBN gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.