Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiiwwan jireenya lammiilee waaraan jiijjiiraniif dursi kennama- Dooktar Ergoogee Tasfaayee

Finfinnee, Bitootessa 13, 2017 (FMC) – Pirojektiiwwan jireenya lammiilee waaraan jiijjiiraniif dursi kan kennamu ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen ibsan.

Dooktar Ergoogee Tasfaayeen Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Deenimaark Suuna Koroogsrap waliin mari’ataniru.

Mariisaaniin, Ministeerichi pirojektoota jireenya lammiilee jijjiiruurratti xiyyeeffataniif dursa akka kennu Dooktar Eergoogeen kaasaniiru.

Pirojektoota dubartootaaf dargaggoota fayyadamtoota diinagdee taasisaniif dursi kan kennamu ta’uu eeruun, keessumaa dubartoota naannawaa baadiyyaa jiraniif xiyyeeffannoon kennamee akka hojjetamu hubachiisaniiru.

Adeemsa ijaarsa nageenyaa keessatti hirmaannaa dubartootaafi dargaggootaa guddisuun damee tumsaa xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Suuna Koroogsrap gamasaaniin, Pirojektiiwwan mootummaan Deenimaark bara 2025-2030 Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuuf akkasumas gama dhaabbilee idil addunyaa garaagaraan deeggarsa maallaqaa taasisuuf marichi dameewwan xiyyeeffannoo haaraa mul’isuu fi deeggarsaaf haala mijataa kan uume ta’uu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.