Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin Walmal Birrii biiliyoona 3.6’n ijaaramu barana xumurama jedhame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2016 (FBC)- Pirojektiin Misooma Jallisii walmal Birrii biiliyoona 3.6’n ijaaramu bara baajataa kana akka xumuramu Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii ibse.

Ministeerichi Naannoo Oromiyaa Godina Baalee Bahaa Aanaalee Dalloomannaa fi Harannaa Bulluqitti pirojektiin ijaarsisa jiru wayita xumuramu lafa hektaara kuma 11 ol misoomsuu akka danda’uu fi qonnaan bultoota kuma 22 ol fayyadamtoota akka taasisu himameera.

Pirojektichis bara 2012 kan eegalee fi baasii Birrii biiliyoona 3.56 ijaaramaa kan jiruu yoo ta’u baran ni xumurama jedhameera.

Qonnaan bultoonni pirojektichaan fayyadamtoota ta’anis waggaatti si’a sadii ol oomishuu akka dandada’an carraa kan uumuu ta’uu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.