Pirojektiin misooma Jallisii Godee oomishtummaa dabale jedhame
Finfinnee, Bitootessa 7, 2017 (FMC) -Pirojektiin misooma jallisii Godee baatii Mudde darbe eebbifamee tajaajila kennuu eegale Naannoo Somaaleef dandeettii oomishaa haaraa ta’eera jedhame.
Hojii Gaggeessaan Pirojektichaa Abdiwaahidi Muheeddin akka ibsanitti, Pirojektiin misooma jallisii Godee haroomffamee irra deebiin tajaajila kennuu eegalee yeroo gabaabaa keessatti oomishnii fi oomishtummaan naannawichaa sadarkaa olaanaan dabaleera.
Yeroo ammaa pirojektichi lafa heektaara kuma 4 misoomsaa jiraachuu ibsuun, oomishaalee kanneen akka Boqqolloo, Ruuzii, Habaabii,Mishingaa fi Saalixni oomishamaa jiraachuu Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif himaniiru.
Haaluma kanaan pirojektichi abbootii warraa kuma 4 ol fayyadamoo taasisuu ibsaniiru.
Baatii Ebla irra eegale dandeetti oomishtummaa Pirojektichaa lafa heektaara kuma 3 fi 620 ol guddisuun misoomsuuf qophii xumuramuu eeruun, kunis Invastarootan kan misoomu ta’uu dubbataniiru.
Baatii Mudde darbe Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kan Eebbifame Pirojektiin Bu’uura misooma Jallisii Godee kun lafa heektaara kuma 27 fi 600 ol misoomsuu kan danda’uu fi lammiilee kuma 53 fayyadamoo taasisuuf dandeettii qabaachuun ibsameera.
Kal’aab Girmaatu gabaase.