Pirojektiin fooyyessa bu’uuraalee misoomaa elektirikii Doolaara miiliyoona 45’n gaggeeffamuufi
Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)- Magaalota 10tti pirojektiin bu’uuraalee misoomaa elektirikii fooyyessuu Doolaara miiliyoona 45’n gaggeessuuf hojiitti seenuu Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa beeksise.
Pirojekticha hojiirraa oolchuufis dulloomuu sararoota raabsaa addaan ciccitiinsa elektirikii naannawaa magaalotaatti mul’atu waarinaan furuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.
Akkasumas pirojektichi rakkoolee teekinikaan qisaasama humnaa mudatu hir’isuu, maamiltoota haaraa horachuu fi qulqullina dhiyeessii humnaa mirkaneessuu fi amansiisaa taasisuuf kan gargaaruudha jedhameera.
Pirojketichis Magaalota Naqamtee, Amboo, Sulultaa, Bishooftuu, Asallaa, Dabira Birhaan, Hosaanaa, Asoosaa fi Jigjigaatti kan hojiirra oolfamu ta’uun ibsameera.
Tiraanisfoormaroota haaraa 195 ijaaruu, dandeettii tiraanisfoormaroota kuma 1 olii fooyyessuu, sararoota voolteejii giddugaleessaa kiiloo meetira kuma 1 fi 107 babal’isuu fi fooyyessuun kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.
Hojiilee pirojektichaas maallaqa Baankii Addunyaarraa argame Doolaara miiliyoona 45’n kan gaggeeffamu ta’uu ragaan tajajilicharraa argame ji mul’isa.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.