Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin dhaabbilee fayyaa 300’f humna elektirikii dhiyeessuuf gargaaru ifoome

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2017 (FBC)- Pirojektiin dhaabbilee fayyaa 300’f humna elektirikii dhiyeessuuf gargaaru ifoomeera.

Ministeerri Fayyaa pirojekticha wayita ifoomsetti, sagantichaaf Doolaarri miiliyoona 35 ramadamuu beeksiseera.

Sagantaa kanaan dhaabbilee fayyaa 300 fi kutaalee hawaasaa miiliyoona 6.3 fayyadamtoota tajaajila fayyaa taasisuuf karoorfamuun ibsameera.

Keessumaa hanqina humna elektirikii dhabbilee fayyaa furuuf sagantichi akka gumaachu ibsameera.

Milkaa’ina pirojektichaaf dhaabbileen tumsitootaa deeggarsa akka taasisanis eerameera.

Fatiyaa Abdallaa fi Solomoon Yittaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.