Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin bishaan dhugatii namoota kuma 500 fayyadamtoota taasisu ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa USAID Itiyophiyaatti namoota kuma 500 fayyadamtootaa kan taasisuu pirojekti bishaan dhugaatii fi qulqullina naannawaa ifoomseera.

Pirojektichi waggoottan shanan dhufan kan hojiirraa oolu yoo ta’u, lammiilee Itiyoophiyaa kuma 500 fayyadamtoota tajaajila dhiyeessii bishaanii ni taasisa jedhameera.

Kanaanis dhaabbilee bishaan fi qulqullinaarratti hojjetan 120 cimsuun galmoota pirojektichaan qabaman keessa ta’uu TOI gabaaseera.

Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Ambaasaaddar Asfawu Dengamoon, Itiyoophiyaatti tajaajiloota bishaanii fi qulqullinaa saffisiisuuf mootummaan hojiilee garaagaraa gaggeessaa jiraachuu ibsan.

Hojiilee gaggeeffamaniin bu’aaleen galmaa’an jiraatanillee ammallee hojiileen hafan akka jiran eeraniiru.

Pirojektiin ifoome kunis fayyadamummaa lammiilee kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Ervaan Maasiingaa gama isaaniin, hojiilee namoota fayyadamtoota taasisan irratti hirmaachuutti ni boonna jedhan.

Pirojektiin ifoome kunis hariiroo walta’iinsaa fi waloon hojjechuu biyyootaa kan cimsu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.