Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin Bishaan dhugaatii Mayyuu Mulluqqee waggaa 24 tajaajilaaf qaqqabe

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Godina Harargee Bahaa Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Mayyuu Mulluqqee baasii Birrii Miiliyoona 380 oliin ijaarame tajaajila kennuu eegale.

Pirojektichi bara 1992 Birrii miiliyoona 192 ijaarsi isaa kan eegale yoo ta’u, rakkoo adda addaan ijaarsi pirojektichaa adda citee turuun eerameera.

Bara 2013 bifa haaraan ijaarsi isaa eegaluun Birrii miiliyoona 380 oliin hojjetamee xumuramuun tajaajila hawaasaaf kennuu eegaluu ragaan Kominikeeshinii Godinichaarraa argame ni mul’isa.

Pirojektichi hawaasa kumaa 177 fi 359 fayyadamtoota akka taasisuu eerameera.

Boolla Bishaanii gadi fagoo lamaa, Boonoo 31, Naanniga Loonii 23, Sarara bishaanii kuusaa bishaanii fi Boonoo walqunnamsiisu kiiloo meetira 75 fagaatu kan hammate ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.