Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin bishaan dhugaatii daangaa ce’aa Adigaalaa-Jibuutii daawwatame

Finfinnee, Amajjii 12, 2016 (FBC)-Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaan Pirojektii bishaan dhugaatii daangaa ce’aa Adigaalaa-Jibuutii daawwataniiru.

Daawwannicharratti Diree Dhawaatti Itti Gaafatamaan Qonsilaa Jibuutii Musee Haajii Jamaa, Ministir Deetaa Damee Bishaan Dhugaatii fi Saaniteeshinii Ambaasaaddar Asfaawu Diingaamoo, dabalatee qondaaltonni olaanoon ministeerichaa biroon hirmaataniiru.

Injiinar Habtaamuun daawwannicharrattii akka jedhanitti, pirojektichi guutummaatti human elektirikiin hojiin tumsuu xumuramaa jiraachuu ibsaniiru.

Pirojektichi boollawwan bishaan lafa jalaa 28 akka qabuu fi kana keessaa walakkaa gara hojiitti galchuuf xumuramaa jiraachuu eeran.
Pirojektichi guutummaatti wayita xumuramus bishaan dhugaatii qulqulluu meetir kiyuubii kuma 100 ol guyyatti ummata Jibuutiif dhiyeessuuf dandeessisa jedhameera.

Biyyoonni lameen rakkoo bishaan dhugaatii qabu kan jedhan Injiinar Habtaamuun, rakkoolee waloo kanaa fi qabeenyaa jiru qooddachuun rakkoo walfakkaataa furuun akka danda’amu pirojektichi argisiistuudha jedhaniiru.

Pirojektiin bishaan dhugaatii Adiigaalaa-Jibuutii walta’iinsa mootummaa Itiyoophiyaa fi Jibuutiin kan ijaaramaa jiru yoo ta’u, pirojektii daangaa ce’aa kiiloo meetira 258 qaxxaamuru ta’uun ibsameera.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.