Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin ashaboo nyaataa Foolik Asiidii fi Ayoodiiniin gabbisuu ifoome

Finfinnee, Fulbaana 10, 2015 (FBC) – Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa dhaabbata Niwutirishin Intarnaashinala waliin ta’uun pirojektii ashaboo nyaataa Foolik Asiidii fi Ayoodiiniin gabbisuu ifoomsaniiru.

Pirojektichi ashaboo nyaataa Foolik Asiidii fi Ayoodiiniin gabbate, oomisha yaalii oomishuu fi fudhatamummaa isaa mirkaneessuuf kan dandeessisu akkaataa uumama lubbu qabeeyyii ujummoo narvii kan hambisuudha jedhameera.

Dhaabbanni Niwutiriishin Intarnaashinala nyaata Filiirik Asiidii fi Ayoodiiniin gabate Ityoophiyaatti oomishuuf pirojekticha ifoomsaniiru.

Pirojektichi shamarraan umrii da’umsaa keessa jiranii fi guddattoota fayyadamoo taasisa jedhameera.

Faawundeeshinii Bilii fi Meelindaa Geetsi irraa maallaqa deeggarsaa argameen bara 2014 hanga 2017’tti hojiirra oola jedhameera.

Fiqirtee Kabbadaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.