Fana: At a Speed of Life!

Pirojektii WANCII

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Qaama Pirojektii Maaddii Biyyaaf kan ta’e Pirojektiin Wancii Bitootessa 11, 2013 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin eegalchiifamuun ni yaadatama.

Piroejektichi Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Wanciitti kan argamu yoo ta’u, yeroo ammaa ijaarsi isaa xumuramuun eebbaaf qophaa’eera.

Wanciin Finfinneerraa kiiloo meetira 150 fagaatee kan argamu yoo ta’u, olka’insa meetira kuma 3 fi 380 kan qabu, haroo fi hora dabalatee qabeenya umamaa miidhagaa fi hawwataa ta’e kan qabuudha.

Bosonnii fi naannawichatti argamu dambalii qilleensaa fi wacaa simbirrootaan dabaalamee gurraaf soorata kan ta’aniidha.

Pirojektii Ministiraa Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin eegalame kun pirojektoota maaddiin biyyaaf jedhun eegalaman keessa tokko yoo ta’u, Qindeessaan Pirojektichaa Ministirri Ministeeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa Dooktar Abrahaam Balaay, hojichi boqonnaawwan garaagaraatti qoodamuun kan hojjetaman ta’uu dubbatanii turuun ni yaadatama.

Boqonnaa jalqabaanis Daandii Asfaaltii gara Haroo Wanciitti geessu, daandii haroowwan lameen walquunnamsiisu, bu’uuraalee misoomaa elektirikii, giddugala fayyaa, manneen barnootaa, fooyyessaa telekoomii, akkasumas giddugaloota sadarkaa isaanii eeggatanii fi abbootii qabeenyaan ijaaraman, kan qabateedha.

Kana malees, abbootii qabeenyaatiin giddugaloonni fayyaa, fooyyessii telekoomii, naannawaa bashannanaa abbootii qabeenyaan ijaaramanii fi giddugalli barnootaa akkasumas buufanni qubsiisa Heelikooftara kan ijaaraman ta’uu dubbataniiru.

Tuuristoota, bal’inaan hawachuuf ga’umsa kan qabu Pirojektiin Wancii jiraattota naannawichaa fayyadamtoota akka taasisus eerameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.